Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Daashan sagantaa carraa hojii uumuu Oromiyaa ifoomse

Finfinnee, Amajjii 22, 2012 (FBC) – Baankiin Daashan sagantaa carraa hojii uumuu naannoo Oromiyaa ifoomse.
 
Baankichi sagantichaaf moggaasa “Ethiopian Talent Power Series” jedhu kan laatef yammuu ta’u, magaalaa Adaamaatti ifoomsera.
 
Proojaktiin kun carraa hojii uumuu jajjabeessuun, lammilee dandeettii hojii uumuu qabaniif deggarsa faayinaansii taasisuu, carraa hoji dhabdummaa hir’isuun hiyyummaa xiqqeessuuf sochii akka biyyaatti taasifamu keessatti shora isaa bahachuufidha jedheera Biiroon Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaa.
 
Daayreektarri gabaa fi maamilaa Baankii Daashan obbo Aschaalaw Taammiruun akka ibsanitti, proojaktiin carraa hojii uumuu kun; leenjii carraa hojii uumuu, ijaarsa dandeettii intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddu galeessaa, sagantaa deggarsa fayinaansii barnoota olaanoo, sagantaa qaqqabummaa faayinaansii, sagantaa kilabii bizinasii hundeessuu fi walitti hidhaminsa gabaa fi deggarsa faayinaansii taasisuuf oola.
 
Lammiiwwan dandeettii hojii uumuu qaban dameewwan baankichaatti galmaa’aniif Wiixata Amajjii 25_29,2012tti leenjii kennuun kan eebbisu ta’uunis ibsameera.
 
Dabalataanis dorgommii dandeettii hojii uumuu qopheessuun warra yaada guddaa fi mo’ataa ta’e dhiheessan badhaasuun kan jajjabeessuu ta’uus obbo Aschaalaw himaniiru.
 
Sagantaan kun Adaamaa dabalatee magaalota biyyattii gurguddoo 6; Finfinnee, Dirree Dawaa, Hawaasaa, Maqalee fi Baahirdaaritti ni adeemsifama.
 
Saganticha milkeessudhaafis baankichi Birrii miiliyoona 100 ramadeera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.