Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Gadaa tajaajila Galmeessaa fi mirkaneessa Ragaalee waliin sanada waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Onkololeesa 10, 2016 (FBC) – Erga hundaa’ee baatiwwan sagal kan lakkoofsise Baankiin Gadaa tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee waliin sanada waliigaltee mallatteesseera.

Dameewwan 73’n maamiltoota isaaf tajaajila laachaa jiraachuu ibsameera.

Waliindhahiinsi sanadaa baayy’achaa dhufuu hordofee maamiltootarra dhamaatiin akka hin geenye ittisuuf Tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Federaalaa waliin sanada waliigaltee mallatteessuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Baankii Gadaa Obbo Waldee Bultoon ibsaniiru.

Baankii Gadaa waliin waliigaltee mallatteessuun dhaabbilee lamaaniifuu faayidaa guddaa qabaachuu Daayrektarri Olaanaan Tajaajila Galmeessaa fi Mirkaneessa Ragaalee Federaalaa Obbo Daagaatoo Kumbeen dubbataniiru.

Maahileet Taklabirihaantu gabaase.

#Oromia # Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.