Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Siinqee waltajjii tajaajila baankii guutuu kennuu eegaluufi mallattoo daldalaa haaraa beeksisu gaggeesse

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Baankiin Siinqee waltajjii tajaajila baankii guutuu kennuu eegaluufi mallattoo daldalaa haaraa itti beeksisu hoteela Sharaatanitti gaggeesseera.

Saganticharratti Pireezidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan, Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Dooktar Yinnaagar Dasee, Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqeefi hoggantoonni mooltummaa olaanoo biroon argamaniiru.

Baankichi guyyaa eeyyama gara baankiitti cehuu argaterraa kaasee baankii dorgomaafi cimaa ta’uuf qophii hunda xumuree tajaajila baankii kennuu eegaluu ibsameera.

Pireezidaantiin baankichaa obbo Niwaay Magarsaan, baankichi tajaajila maayikiroo faayinaansiirraa gara baankiitti guddachuun kan jalqabaa ta’uu eeruun, haala tajaajila maayikiroo faayinaansii of keessatti hammateen tajaajila baankii guutuu ta’e kennuuf qophii hunda xumuruu dubbataniiru.

Deeggarsi mootummaan naannoo Oromiyaafi qaamoleen dhimmatootaa biroo taasisaniiniifi tattaaffii hoggansaafi hojjettootaan baankichi sadarkaa kanarra gahuu eeraniiru.

Baankichi baankota Afrikaa, Awurooppaafi Yuuroo-Eeshiyaa waliin hojjechuuf walitti hidhamiinsa idil addunyaa uumuu ibsaniiru.

Walitti qabaan boordii daayrektarootaa baankichaa obbo Tolasaa Daggafaan gamasaaniin, baankichi wayita hundaa’u kaappitaala baankilee biroon biyya keessaa yeroo hundaa’an kaffalan ol galmeessisuu dubbataniiru.

Bifuma kanaan Birrii biiliyoonni 15 galmaa’uufi kaappitaala kaffalame Birrii biiliyoona 7.4n indaastirii baankii biyyattitti makamuufi baankichi bu’uura amansiisaarratti kan hundaa’e ta’uu eeraniiru.

Mallattoon daldalaa baankichaa haaraan calaqqee sirna gadaa kan ta’e Siinqee irraa fudhatamuu addeessaniiru.

Maraa’ol Kadirtu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.