Fana: At a Speed of Life!

Baankiin Tsaday Sambata dhufu hojii eegala

Finfinnee, Fulbaana 12, 2015 (FBC) – Kaappitaala Waliigalaa Birrii biiliyoona 11kan qabu Baankiin Tsaday Sambata dhufu hojii kan eegalu ta’uu Boordiin Baankichaa beeksiise.

Baankichi haalduree hojii jalqabuuf isa barbaachisan xumuruu hordofee har’a ibsa laateera.

Baankiin Tsaday Kaappitaala waliigalaa Birrii biiliyoona 11 walitti qabachuun Sambata dhufu dameewwan 148 hojii kan eegaluu ta’u dura taa’aan baankichaa Obbo Gadduu Andaargaachoon ibsaniiru.

Baankichi Teeknooloojii yeroon barbaaduun gara hojiitti kan galu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan baankichaa Obbo Makonniin Yealemwasan himaniiru.

Kaappitaala waliigalaa kaffalame Birrii biiliyoona 7.8tiin hojii kan eegalu ta’uu dubbataniiru.

Maddi:- TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.