Fana: At a Speed of Life!

Baatii Hagayyaa keessa Gatiin Boba’aa haaluma baatii Adoolessaan kan itti fufu ta’uu eerameera

Finfinnee, Adoolessa 22, 2014 (FBC) – Baatii Hagayyaa keessa Gatiin gurgurtaa Qinxaaboo Boba’aa haaluma baatii Adoolessaan kan itti fufu ta’uu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiise.

Adooleessa 29, 2014 eegalee hojiirra kan oole hojmaanni deeggarsa Gurgurataa Qinxaaboo Boba’aa baatii Hagayyaas kan itti fufu ta’uu ministeerichi ibsa Faanaa Biroodkaastiingii Korporeetiif ergeen himeera.

Haaluma kanaan Gatiin Gurgurtaa Qinxaaboo Boba’aa kan Xiyyaaraan ala haaluma baatii Adoolessaan kan itti fufu ta’uu ibseera.

Haala Gatii boba’aa idil addunyaan boba’aan Xiyyaaraa Liitirri 1 Birrii 84.42tti akka gurguramu murtaa’uu eereera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.