Fana: At a Speed of Life!

Baatii Sadaasaa qofa galiin Birrii biiliyoona 32.7 ol walitti qabame

Finfinnee, Mudde 7, 2015(FBC)- Ministeerri Galiiwwanii baatii Sadaasaa 2015 qofa galii Birrii biiliyoona 32.7 ol walitti qabuu beeksise.

Ministeerichi, baatichaatti Birrii biiliyoona 30 ol walitti qabuuf karoorfatee, Biirrii biiliyoona 32. 7 walitti qabuun karooricha %109.21 milkeessuu ibseera.

Raawwiin kunis kan bara darbee baatii walfakkaataan yoo walbira qabamu Birrii biiliyoona 9 fi miiliyoona 380 ol ykn %40.08 caalmaa qabaachuun eerameera.

Manni hojichaa baatiiwwan shan keessatti galii Birrii biiliyoona 195 fi miiliyoona 771 walitti qabuu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.

Baatiiwwan hafanitti karoora galii walitti qabuuf qabamee milkeessuuf kan hojjetu ta’uu ibseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Or/omo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.