Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 5’n darban daawwattoonni miiliyoonni 7 ol Oromiyaa daawwatan – BATO

Finfinnee, Amajjii 4, 2015 (FBC) – Baatiwwan 5n darban daawwattoonni biyya keessaa fi alaa miiliyoonni 7 ol Oromiyaa daawwachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise.

Daawwattoota biyya keessaarraa galiin Birriin Biiliyoonni 7 ol argamuu ibseera.

Daawwattoota biyya alaa kuma 62 fi 500 naannicha daawwatanirraa galiin Birrii miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 75 ol argamuu ibseera.

Baatiwwan shanan darban lammiileen Ityoophiyaa fi dhalattoonni Ityoophiyaa lammummaa biyyoota alaa qaban miiliyoona 7 ol ta’an kutaalee Oromiyaa garaagaraa daawwachuun Itti Aanaa Hogganaan Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa Obbo Hundee Kabbaddaan ibsaniiru.

Daawwattoota biyya keessaa miiliyoona 8 ol ta’an Oromiyaa daawwachiisuuf karoorfamee hanga ammaatti % 90 milkaa’uu obbo Hundeen kaasaniiru.

Maddi:-DhPI

6Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.