Fana: At a Speed of Life!

Baatiwwan 6 darbanitti Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 43 liqii fi deeggarsaan biyyaa keessaa galanii fi gara fula duratti galan argame

Finfinnee, Amajjii 26, 2013 (FBC)- Baatiwwan 6 darbanitti Birriin biiliyoonni dhibbi 1 fi biiliyoonni 43 liqaa fi deeggarsii alaa biyyaa keessaa galanii fi gara fula duratti galan argamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Ministeerichi Ityoophiyaan raawwii sagantaawwan misoomaaf maddoota gurguddoorra lamaarraa liqaa fi deeggarsa alaa akka argattu ibseera.

Inni 1ffaan dhaabbilee idil addunyaa fi dhaabbilee maallaqa idil addunyaa yoo ta’u, inni 2ffaan ammoo madda tumsaa mootummootarrayi jedhameera.

Kanaafis waliigaltee raawwatameen waadaa  galamee fi  hojiiwwan karoorfamaan raawwachuuf waggoottan sadanii hanga kurnaan dhufaniitti  liqaa fi deeggarsi biyyaa keessaa galaan Birriin biiliyoonni 77.33 argameera.

Kanneen keessaas Birriin biiliyoonni 17.69 liqaan yoo ta’u, biiliyoonni 59.64 ammoo deeggarsaan argamuudha kan ibsame.

Haalumaa wal fakkatuun kana duraa fi baatiwwan 6 darbanitti qabeenyaa argameerra walakka waggaatti gara biyyaa keessa kan galee liqaa fi deeggarsi alaa Birrii biiliyoona 66 ta’uu beekameera.

Kanneen keessaayis liqaan Birriin biiliyoonni 29.67 yoo ta’uu hafteen isaa ammoo deeggarsan Birrii biiliyoona 36.39 ta’uu ministeerichi beeksisera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.