Fana: At a Speed of Life!

Badhaadhina hunda galeessa biyyattii mirkaneessuu keessatti gaheen dargaggootaa olaanaadha- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Bitootessa 10, 2015(FBC)- Badhaadhina hunda galeessa biyyattii mirkaneessuu keessatti gaheen dargaggootaa olaanaa ta’uu Ittaanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan.

Leenjiin liigii koree giddugaleessaa dargaggoota Paartii Badhaadhinaaf mata duree “ Yaadotaafi Yaadrimeewwan bu’uuraa Paartii Badhaadhinaa” jedhuun Bitootessa 3-11,2015’tti kennamaa ture xumuramuu ibsame.

Dargaggoonni yaadrimeewwan bu’uuraa paartichaa hubachuun tokkummaa sabdaneessaaf hojjechuu akka qaban Obbo Adam Faaraah xumuru leenjichaarratti ibsaniiru.

Qaamolee hedduun tokkummaa sabdaneessummaa diiguuf ajandaalee dogoggoraarratti xiyyeeffachuun kaayyoo badiisaanii galmaan gahuuf hojjechaa jiraachuu eeruun, dargaggoonni tokkummaa sabdaneessummaa cimsuufi nageenya waaraa ijaaruuf hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.

Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Paartilee Siyaasaafi Hawaasa Siiviilii obbo Mallas Alamuun gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa fakkeenya badhaadhina Afrikaa ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibsuun, dargaggoonni biyya hiyyummaa keessaa gara badhaadhinaatti ceesisuufi ilaalcha ida’amuun tokkummaa biyyaalessaarratti hojjechuu akka qaban kaasuu ragaan paarticharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.