Fana: At a Speed of Life!

Bakka buutoonni miidiyaalee idila addunyaa Ityoophiyaatti argaman Paarkii Inxooxxoo daawwatan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2013 (FBC) – Bakka buutoonni miidiyaalee idila addunyaa teessoo isaanii Ityoophiyaa taasiisan Paarkii Inxooxxoo daawwatan.
 
Daawwannicha Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa fi Ministeera Dhimma Alaa FDRItu waliin qopheesse jedhame.
 
Miidiyaaleen kunneen Ityoophiyaa addunyaatti beeksisuuf hojii gaarii hojjechaa jiraachuu daayreektarri Abbaa Taayitaa Broodkaastiingii Ityoophiyaa Dooktar Geetaachoo Dinquu ibsaniiru.
 
Kaayyoon daawwannichaas miidiyaaleen idila addunyaa kunneen jijjiirrama hunda galeessa yeroo gabaabaa keessatti argame akka hubataniif jedhan.
 
Waggoottaan lamaan darban keessatti jijjiirrama biyyattiin galmeessite dhaabbileen kunneen seeraan hubachuun gabaasa madaallawaa ta’e akka gabaasaniif ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Diinaa Muftii himaniiru.
 
Qaamooleen daawwannaa kana irratti hirmaatanis waan arganitti gammaduu ibsuun, paarkichi madda galii olaanaa ta’uu danda’a jedhan.
 
Maddi:-TOI
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.