Fana: At a Speed of Life!

Bara 2013tti Indaastiriiwwaan xixiqqaa fi giddugaleessaf birrii biiliyoonni 3 ol liqeessuuf karoorfame

Finfinnee, Hagayya 8, 2012 (FBC) – Bara 2013tti Indaastiriiwwan xixiqqaa fi giddugaleessaf liiqaa Birrii Biiliyoona 3 ol liqeessuuf karoorfachuu Abbaan Taayitaa Babal’ina Indaastirii Maanuufaakchariing Xixiqqaa fi Giddugaleessaa Feederaalaa beeksise.

Daayreektarri olaanaan Abbaa Taaytichaa obbo Asfaaw Abbabaa akka ibsanitti, bara baajataa 2013tti indaastiriiwwan Maanuufaakcharingii xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma 2 fi 920f liiqaa hojii fi bittaa meeshaaleef Birrii Biiliyoona 3 ol kan qopha’uu ta’uu beeksisaniiru.

Indaastiriiwwan Maanuufaakcharingii xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma 1 fi 510 hojii adeemsistuuf kan oolu liiqaan Birriin Biiliyoonni 1.5 ni qophaa’a jedhan.

Indaastiriiwwan Maanuufaakchaaringii xixiqqaa fi giddugaleessaa kuma 1 fi 410f bittaa meeshaaleef kan oolu liiqaan Birrii Biiliyoona 1.5 kan qophaa’u ta’uus himaaniiru.

Giddugaloota dhiyeessi fi itti fayyadama isaanii guddisuuf lafti hektaarri kumni 2 fi 775 kan qopha’uu ta’uu ibsaniiru.

Ityoophiyaatti indaastiriiwwan Maanuufaakchaaringii xixiqqaa fi giddugaleessaa kumni 19 fi 143 lammiilee kuma dhibba 5 oliif carraa hojii uumuu isaanii ragaan Abbbaa Taayitichaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.