Fana: At a Speed of Life!

Bara 2014 lammiilee miiliyoona 5’f bishaan dhugaatiin dhiyaateera-Ministeericha

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)-Bara 2014tti lammiilee miiliyoon shaniif bishaan dhugaatii qulqulluun dhiyaachuu Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa ibsan.

Ministeerichi karoora bara baajataa 2015 irratti kan xiyyeeffate dhaabbilee itti waamamtootaa fi biirolee bishaanii fi inarjii naannolee waliin Magaalaa Baahirdaaritti mari’achaa jira.

Ministirri Ministeerichaa Dooktar Habtaamuu Ittafaa maricharratti akka ibsanitti, bara baajataa darbe qofaa lammiilee miiliyoona shaniif bishaan dhugaatii qulqulluun dhiyaateera.

Karoora bara 2015 waloon raawwachuun bu’aa galmeessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.

Hanqina dhiyeessii bishaan dhugaatiin dubartoonni fageenyaa dheeraa imaluuf dirqmaa akka jiran kaasanii, baayoo gaazii, anniisaa aduu fi sumsuma qoraan qusatan bal’inaan dhiyeessuun dhiibbaa fi dadhabbii haadholii hir’isuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Mulugeetaa Dasseetu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffann

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.