Fana: At a Speed of Life!

Bara baajataa kana Daldala Midhaan Zayitaarraa Galii Doolaaraa miiliyoona 300 ol argachuuf hojjetama jira

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2015 (FBC) – Bara baajataa kana Daldala Midhaan Zayitaarraa Galii Doolaaraa miiliyoona 300 ol argachuuf hojjetama jiraachuu Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa beeksiseera.

Ityoophiyaan midhaan Zayitaarraa sharafa alaa argattu guddisuuf hojmaanni diriiruu gorsaan Ministira Ministeerichaa Masfin Abbabaan Faanaa Broodkaastiing Korporeetiif himaniiru.

Hojmaanni Oomishtoonni oomisha isaanii kallattiin alatti erguuf isaan dandeessisu mijachuu dubbataniiru.

Ergitoonni Oomishaalee midhaan Zayitaa oomisha isaanii yeroon akka ergan taasiisuun hojmaata diriire keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru.

Oomishaaleen kunneen gara Isiraa’eel, Emireetoota Araba Gamtoomaanii, Turkii fi Siingaapoor dabalatee biyyoota alaa adda addaatti kan ergaman ta’uu mirkaneessaniiru.

Bara oomishaa 2015 keessa lafti hektaarri miiliyoonni 1.2 ol oomishan midhaan Zayitaan uwwifamuu Itti gaafatamaan Deeksii Misooma sabsii duraa Midhaan Zayitaa fi Dheedhii obbo Fissahaa Tolasaan ibsaniiru.

Zufaan Kaasahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.