Fana: At a Speed of Life!

Bara baajatichaatti oomisha warqeerraa galii Doolaarri miiliyoonni 560 ol argameera- MA

Finfinnee, Qaammee 2, 2014(FBC)- Bara baajataa 2014tti oomisha warqeerraa galiin Doolaarri miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 60 argamuu Ministeerri Albuudaa ibse.

Ministeera Albuudaatti Ministir Deetaan Damee Ji’oo Saayinsiifi Qorannoo obbo Toomaas Tuut, bara mootummoota darbanii keessa  ministeerichaaf xiyyeeffannoo gahaan osoo hin kennamiin hafuu yaadachiisuun,  yeroo ammaa dameewwan mootummaan sadarkaa biyyaalessaatti xiyyeeffannoo kenneef keessaa Ministeerri Albuudaa tokko ta’uu eeraniiru.

Godinaalee naannoo Gambeellaa Anyuwaakiifi Majaangitti qabeenya warqee haalaan faayidaarra oolchuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Dameen albuudaa aanaalee godinaalee Anyuwaakiifi Majaang 4 keessatti lammiilee hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu kaasaniiru.

Naannolee Oromiyaa, Beenishaangul Gumuz, Gambeellaafi Kibba Lixaa Ityoophiyaatti albuudni warqee bal’inaan kan argamu ta’uu eeruun, qorannoon osoo taasifamee naannolee biyyattii biroo keessattis albuudni jiraachaa akka danda’u ibsaniiru.

Naannolee keessatti qabeenya albuudaa haalaan fayyadamuurratti hanqinni jiraachuu fi hawaasa naannawaa bira hanqinni hubannoo jiraachuu himaniiru.

Yeroo ammaa  irra jireessaan warqeen bifa aadaan oomishamaa waan jiruuf hirmaannaa hawaasni damicharratti bobba’uuf qabu gadi aanaa ta’uu kaasaniiru.

Ta’us bara baajataa 2014tti oomisha warqeerraa galiin Doolaarri Miiliyoonni dhibbi 5 fi miiliyoonni 60 ol argamuu dubbataniiru.

Dargaggoonni damicharraa fayyadamoo akka ta’aniif naannolee arfanittuu gama ministeerichaan piroojektii bocuun deeggarsi gurmaa’insaafi teekinooloojii taasifamaafii jiraachuu eeraniiru.

Ityoophiyaan damee albuudaarraa fayyadamtuu akka taatuuf mootummaa qofaa osoo hin taane qaamoleen biroonis deeggarsa akka taasisaniif waamicha dabarsaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.