Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa kanatti oomishni kuntaalli miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 91 ni eeggama – BQQUO

Finfinnee, Fulbaana 7, 2013 (FBC) – Bara oomishaa kanatti oomishni kuntaalli miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 91 ol kan eeggamu ta’uu Biiroon Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa beeksise.
 
Biiroon qonnaa fi qabeenya uummamaa Oromiyaa rawwii bara darbee fi hojiiwwan gurguddoo bara 2013 hojjetamanirratti ibsa laateera.
 
Qonna gannaa bara kanaan lafti heektaarri kumni dhibbi 3 fi kumni 90 ol kilaasteeran misoomuu hogganaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya Uumamaa Oromiyaa Obbo Dhaabaa Dabalee ibsaniiru.
 
Bara oomisha 2012/13tiin lafa hektaara miiliyona 6 fi kuma dhibba 1 fi 538 misoomsuuf karoorfamee lafti hektaarri miiliyoonni 5 fi kuma dhibbi 7 fi kumni 34 ol misoomsuun danda’ameera jedhan obbo Dhaabaan.
 
Lafa misoome kanarra callaa kuntaalli miiliyoonni 1 fi miiliyoonni 91 fi kumni dhibbi 3 fi kumni 40 ol ni eeggama jedhan.
 
Dhiyeessiin sanyii filatamaa, Xaa’oo fi keemikaaloonni farra ilbiissootaa yeroo isaa eeguun qonnaan bultaaf rabsamuu obbo Dhaabaan eeraniiru.
 
gama misooma jallisiitiin Paampii bishaanii 2,160 Waldaalee 1,950 kennameera jedhan.
 
Proojaktoota jallisii 210 mootummaa federaalaatiin Birrii biiliyoona15 hojjetamaa turan keessaa 90 xumuramuu himaniiru.
 
Lafa hektaara kuma 27 ol dabalataan misoomsuun danda’amuu fi abbaan warraa kumni 43 ol fayyadamoo ta’uu ibsaniiru.
Oomisha Qamadii fi Garbuu biiraa alaa galu hambisuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru.
 
Qamadii qofa lafa hektaara kuma dhibba 3 irratti misoomsuuf qophiin jalqabameera jedhan.
 
Bara 2013tti kallattii jijjiiramaa gara fuula duraatti ce’uu dandeessu milkeessuuf toora xiyyeeffannoo gurguddoo afur: Wabii nyaataa mirkaneessuu, Oomishoota biyyaa alaatii galan biyya keessatti oomishuun bakka buusuu, Oomishaalee al-egii babal’isuu fi Carraa hojii uumuu irratti xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu obbo Dhaabaan himaniiru.
 
Qonna magaalaa magaaloota gurguddo 19 fi naannawaa Finfinnee hunda keessaatti babal’isuun carraa hojii dabalataa uumuuf mootummaan baajata miiliyoona dhibba 2 fi miiliyoona 90 ramadeera jedhan.
Sagantaa Ashaaraa Magariisaan karoora qabame keessaa harka 97.2 milkeessuun danda’amu ragaan Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uummama naannichaarraa argame ni muul’isa.
Bara 2013tti biqiltuu gosa garaagaraa biiliyoonni 4.1 dhaabuuf xiyyeeffannoo olaadhaan ni hojjetama jedhan obbo Dhaabaan.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.