Fana: At a Speed of Life!

Barana lafti hektaarri miiliyoonaa 1.3 jallisii Bonaan qamadiin uwwifameera-Ministeera Qonnaa

Finfinnee, Bitootessa 3, 2015 (FBC)- Barana lafti hektaarri miiliyoona 1.3 jallisii Bonaan qamadiin uwwifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Jilli Ministiraa Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen durfamu Naannoo Oromiyaa Aanaalee Godinaa Shawaa Bahaatti misoomaa qamadii Bonaa daawwataniiru.

Dooktar Girmaan daawwannicharratti akka himanitti, barana lafti hektaarri miiliyoona 1.3 qonna jallisii bonaatiin qamadiin uwwifamuu fi kanarraas kuntaalli miiliyoona 52 ni argaman akka eegamu ibsaniiru.

Oomishi kunis walitti qabamee gabaaf yoo dhiyaatu akka biyyaalessaatti gabaa tasgabbeessuuf faayidaa olaanaa qabaata jedhaniiru.

Qonnaan bulaan, gatii hamma jedhameen ol gurguruun hindanda’amuu jedhamee kallattiin kaa’ame akka hinjirree fi oomishanii fayyadamtoota akka ta’aniif tilmaamni gatii ka’umsaa qofti murtaa’uu eeraniiru.

Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuun gama isaaniin, barana akka Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara 1.1 ol qamadii jallisii bonaan uwwifamuu kaasanii, kanarraas oomisha kuntaala miiliyoona 38.5 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Godina Shawaa Bahaatti lafti hektaarri kuma 203 qamadii jallisii bonaan akka uwifamee fi kanarraas kuntaala miiliyoona 8.2 argachuuf hojjetamaa jiraachuu ragaan Ministeera Qonnaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.