Fana: At a Speed of Life!

Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan Yuunivarsiitiwwan itti ramadaman seenaa jiru

Finfinnee, Adoolessa 16, 2015 (FBC) – Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa fudhatan Yuunivarsiitiwwan itti ramadaman seenaa jiraachuu ibsameera.

Yuunivarsiitiin Finfinnee kaampaasiwwan isaa 9tti barattoota saayinsii hawaasaa simachuu eegaleera.

Yuunivarsiitichi Barattoota saayinsaa hawaasaa kutaalee magaalaa Finfinnee 11 irra walitti babba’an kaampaasiwwan kanneenitti simachaa jiraachuu eerameera.

Sadarkaa Finfinneetti barattoonni saayinsii hawaasaa kumni 24 fi 775 qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa kan fudhatan ta’uu ragaan Biiroo Barnootaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Qormaanni biyyaalessaa kun Adoolessaa 19 -21, 2015 kan laatamu ta’uu ibsameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.