Fana: At a Speed of Life!

Bidireetti ijaarsi proojektii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 300 eegale

Finfinnee, Hagayya 5, 2014 (FBC) – Godina Baalee aanaa Madda Walaabuu magaalaa Bidireetti ijaarsi proojektii Bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 300n eegalame.
Hanqina Bishaan dhugaatii qulqulluu hawaasa magaalichaa fi naannawaa ishee furuuf Piroojketiin Birrii miiliyooan dhibba 3 fi miiliyoona 10 eegalamuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Mohaammad Galatoon ibsaniiru.
Baajanni Piroojektichaa % 70 dhaabbata miti mootummaa UNICEF yoo ta’u, % 30 Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaan uwwifama jedhame.
Piroojektichi waggaa lama keessatti ijaarramee kan xumuramu ta’uu ibsameera.
Wayita xumurametti jiraattoota magaalichaa kuma 35f tajaajila kan laatu ta’uu himameera.
Hawwii Fiqaaduutu gabaase.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.