Fana: At a Speed of Life!

Biiroon Fayyaa Oromiyaa konfiraansii qorannoo fayyaa gaggeessuu eegale

Finfinnee, Waxabajjii 24, 2014 (FBC) – Biiroon Fayyaa Oromiyaa konfiraansii qorannoo fayyaa gaggeessuu eegaleera.

Konfiransicharratti Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Darajjee Dhugumaa dabalatee Daayrektarri Olaanaan Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Hayiluu, Ittaanaan Hogganaa Biiroo Fayyaa Oromiaa Obbo Abarraa Botoree, Komishinarri Komishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Dooktar Abdulaaziiz Daawudii fi hayyoonni damichaa argamaniiru.

Konfiransiin qorannoo kun Biiroo Fayyaa Oromiyaatiin yeroo jalqabaaf kan qophaa’e ta’uu fi qorannoon akka kanaa seektera fayyaa deeggaruu keessatti gahee ol aanaa qabaachuu Ittaanaan Hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa obbo Abarraa Botoree ibsaniiru.

konfiransiin qorannoo kun wal ta’iinsa Biiroo Fayyaa Oromiyaa, Yuunvarsiitii Jimmaa fi dhaabbilee deeggartootaan qophaa’uu himaniiru.

Kaayyoon konfiransichaa qorannoowwan fayyaa irratti hojjetaman irraa muuxannoo fudhachuun kenna tajaajila fayyaa fooyyessuuf ta’uu obbo Abarraan eeraniiru.

Daayrektarri olaanaa Inistiitiyuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Masaay Hayiluu gamasaan, qorannoo fayyaa karaa saayinsawaan deeggaruun rakkoowwan gama kenna tajaajila fayyaan jiran adda baasuun imaammata fayyaa fooyyessuuf kan gargaaru ta’uu fi muuxannoo fayyaa irratti jiru qooduufis gahee akka qabu dubbataniiru.

Qorannoon kun  jalqabbii gaarii ta’uu fi galtee imaammataafis gahee olaanaa qabaachuu Komishinarri Komiishinii Karooraa fi Misoomaa Oromiyaa Dooktar Abdulaaziiz Daawud himaniiru.

Seektera hunda keessatti babal’achuu akka qabus dhaamaniiru.

Baayiluu Baaneetu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.