Fana: At a Speed of Life!

Biqiltuun Baala Shaayee miiliyoona 409 qophaa’eera-BQO

Finfinnee, Ebla 12, 2016 (FBC)- Barana Godinaalee Iluu Abbaa Boor, Buunnoo Beddellee fi Jimmaatti lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf biqiltuun miliyoonni 409 qophaa’uu biiroon qonnaa Oromiyaa beeksise.

Karoora Inisheetiivii misooma Baala Shayeerratti qabame milkeessuuf waltajjiin marii qooda fudhattootaa Magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.

Waltajjicharratti Hoggaanaan biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun, inisheetiivii Baala Shayee Aanaa Alleerratti labsameen bara darbe lafa heektaara 400 irratti misoomuu yaadachiisan.

Bara kanas Godinaalee Iluu Abbaa Boor, Buunnoo Beddellee fi Jimmaatti lafa hektaara kuma 30 irratti misoomsuuf biqiltuun miliyoonni 409 qophaa’uu himaniiru.

Damichaanis fayyadamummaa qonnaan bultoota mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuus himaniiru.

Hojii inisheetiivii misooma baala shayee qabame milkeessuuf rakkoolee baajetaa fi loojistikii akkasumas deeggersa tekiniikaa furuuf Biiroon Qonnaa Oromiyaa deeggarsa barbaachisu itti fufiinsaan akka taasisu Obbo Geetuun himuunii, godinaalee fi aanaaleen hojiilee jajjabeessaa hojjechaa jiran cimsanii akka itti fufan dhaamuu ragaan Biiricharraa argame ni mulisa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii https://www.facebook.com/afaanoromoofana

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.