Fana: At a Speed of Life!

Birmadummaa biyyaarratti qaama kaamiiniyyuu hin mari’annu – Jiraattoota magaalaa Aarbaa Minci

Finfinnee, Onkololeessa 28, 2014 (FBC) –Jiraattoonni magaalaa Aarbaa Minci hiriira deeggarsa Raayyaa Ittisaa fi balaaleffannaa garee Shororkeessitootaa gaggeessaniiru.

Birmadummaa biyyaarratti qaama kaamiiniyyuu hin mari’annu jedhan Jiraattoonni kunneen.

Jiraattoonni Godina Gaamoo aanaa hunda keessaa walitti babba’an, jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa fi kutaalee hawaasaa sadarkaan jiru hiriiricharratti argamaniiru.

Iccitiin injifannoo keenyaa haqaa fi dhugaa keenya, birmadummaa biyyaarratti qoosaa hin beeknu, haala kamiiyyuu keessatti hanga addaatti duuluuf qophiidha, seenaa abboottii keenyaa kabachiisuuf imaanaa qabna dhaadannoowwan jedhan dhageessiisaniiru.

Hiriira gaggeessuun cinaatti Raayyaa Ittisaaf dhiiga arjoomaniiru.
Maateewois Fallaqaatu gabaase.

Naannoo keessaan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.