Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Awrooppaa hedduun daangaa isaanii banaa jiru

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2012 (FBC) – Biyyoonni Awrooppaa hedduun sabaaba Covid -19 dhoorkaa kaa’anii turan salphisuu eegalaniiru.

Biyyoota kanneen keessatti guyyaa har’aa dabalatee, reestooraantii, suuqonni, tajaajilli geejiba uummataa kan eegalu yoo ta’u, daangaa isaaniis banaa akka taasisan beeksisaniiru.

Ingiliizitti suuqonni yeroo jalqabaaf banaa yoo ta’an, tajaajilli geejjibaas har’arraa eegaalee fayyadamtootaf banaa ta’eera.

Biyyattiittis fayyadamtoonni geejibaa hundi haguugduu fuulaa fi afaanii akka fayyadamaniif dirqamni kaa’ameera.

Gama biraatin ammoo preezdaantiin Faransaay  Iimaanu’eel Maakroon biyyi keenya vaayrasicha irratti injifannoo jalqabaa galmeessiteetti jedhan.

Kana waliin walqabsiisees guyyaa har’aa irraa eegalee imaltoonni miseensa biyyoota Gamtaa Awrooppaarraa galaniif daangaa isaanii banaa taasisuu ibsaniiru.

Dabalataanis tajaajilli manneen nyaataa fi reestooraantotaa kan laatamu yoo ta’u, manneen barnootaas torbee har’aa hojii baruu fi barsiisuu ni eegalu jedhaniiru.

Preezdaantichi haasaa taasisaniin vaayrasichi ammas deebi’ee ka’uu akka danda’u ibsaniiru.

Jarman, Beeljiyam, Kirooshiyaa fi Swiizarlaand  har’a irraa jalqabanii daangaasaanii guutummaatti bananiiru.

Dabalataanis Cheek Riipabiliikii fi Giriik haaluma wal fakkaatun daangaa isaanii  banaa kan taasisan yoo ta’u, Awustiraaliyaan ammoo guyyaa boruu daangaa ishii banaa akka taasiftu ibsiteetti.

Ispeen ammoo torbee har’aa daangaa ishee banaa akka taasiftus ibsiteetti.

Iswiidiinii fi Luugzambarg vaayrasii koroonaan walqabsiisee biyyoota daangaa isaanii hin cufne yoo ta’an, Xaaliyaan kana dura daangaa ishee baanuun ni yaadatama.

Addunyaarratti vaayrasiin koroonaa namoota miiliyoona 7.9 irratti yoo argamuu, kumni dhibbi 4 fi kumni 33 ammoo lubbuun darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.