Fana: At a Speed of Life!

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa bu’aa filannoo naannolee Hararii, Somaalee fi Kibbaa ifoomse

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2014 (FBC)-Boordiin Filannoo Biyyoolessaa naannoolee Hararii, Somaalee fi Kibbaatti filannoo gaggeeffamee hordofee ibsa laateera.

Ibsichaan waliigala buufatalee filannoo 5,935  irratti manneen maree bakka bu’oota uummata 47 fi manneen maree naannolee 106tti adeemsi sagalee laachuu gaggeeffameera.

Guyyicha waliigalaan taajjabdoonni hawaasni siiviilii 2,569  dhaabbilee 11 irraa walitti babba’aan taajjabaniiru.

Adeemsi sagalee laachuu xumuramee naannoolee filannootti bu’aan filannoo erga ifoomee booda boordiin filannoos bu’uura seeraatin mirkaneessuuf hojjechaa turu ibsichaan eerrameera.

Adeemsa kanaan paartileen akkasumas kaadhimamtoonni adeemsa filannichaa irratti iyyannoo qaban akka dhiyeessan taasifameera.

Bu’uruuma kanaan paartileen siyaasa jahaa fi kaadhimamtoonni dhuunfa 24 iyyannoosaanii dhiyeessaniiru.

Boordichis iyyannoo dhiyaateerratti qorannoo taasisee kan hin xumurrree ibseera.

Fulbaana 20, 2014 adeemsi sagalee laachuu filattoota galmaa’aan 6,562,534 keessaa lammiilee 5,914,670 sagalee laataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.