Fana: At a Speed of Life!

Boordiin qorannoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa har’a ifatti hojiisaa eegale

Finfinnee, Eebila 5, 2012(FBC) – Boordiin qorannoo raawwii labsii yeroo ariifachiisaa har’a ifatti hojiisaa eegaleera.

Af yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoon boordicha hojii jalqabsiisaniiru.

Obbo Taaggasaan hojiin boordii kanaa lubbuu namaatin kan walqabatu waan ta’eef, kan yeroo kaanitiin adda ta’uu ibsaniiru.

Lubbuun lammiilee weerara vaayrasii koroonaatin akka hin miidhamne tumsi gama hundaa murteessaa ta’uu yaadachiisaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.