Fana: At a Speed of Life!

Booriis Joonsan Hospitaala galan

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012(FBC) – Muummeen Ministiraa Ingiliiz Booriis Joonsan erga vaayrasii koroonaan qabamanii guyyoota 10 booda Hospitaala galan.

Dubbii himaan isaanii akka jedhetti, Joonsan gorsa ogeessa fayyaan qorannoo dabalataaf Hospitaala galuu isaanii ibsaniiru.

Booriis Joonsan vaayrasii Koroonaan erga qabamanii miirri dhukkubbii itti fufiinsan itti dhaga’amuu isaan gara Hospitaala akka galan taasifamuu ibsameera.

Yeroo ammaas sadarkaa Oksiijiniin kan jiran yoo ta’uu, qorannoon Kalee, Tiruu fi seelii dhiiga adii taasifamaafii jira jedhame.

Maddi:-BBC fi Sky News

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.