Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan filannoo Keeniyaa ifoome

Finfinnee, Hagayya 9, 2014 (FBC) – Wiiliyaam Saamoo’ii Ruutoon filannoo Pireezidaatummaa Keeniyaa injifataniiru.

Komishiniin Filannoo Keeniyaa bu’aa filannoo biyattii har’a ifoomseera.

Itti Aanaan Pireezidaantii biyyattii Wiiliyaam Saamoo’ii Ruutoon lammiilee miiliyoona 7 fi kuma 176 fi 141’n filatamuun sagalee kenname %50.49 argachuun Pireezidaantii Keeniyaa 5ffaa ta’uu mirkaneeffataniiru.

Morkataan isaanii Raayilaa Odiingaan ammoo sagalee kenname %48.8 argataniiru.

Hagayya 3, 2014 Keeniyaatti filannoon pireezidaantummaa gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.

Pireezidaantii biyyattii Uhuuruu Keeniyaattaa bakka bu’uuf kaadhimamtoonni afur filannicharratti dorgomaa turaniiru.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.