Fana: At a Speed of Life!

Bu’aan yakka malaammaltummaa Birrii biiliyoona 2.6 dhorkisiifameera-Pir. Shimallis

Finfinneen, Adoolessa 3, 2015 (FBC)- Hojiilee gochaalee malaanmaltummaa hojjetamaniin qabeenyi bu’aalee gochaa malaanmaltummaa ta’an Birrii biiliyoona 2.6 dhorkamuu Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan ibsan.

Obbo Shimallis Abdiisaan gabaasaa raawwii 2015 Caffee Oromiyaaf dhiyeessaa jiru.

Gabaasa dhiyeessaniin duula malaanmaltummaarratti gaggeeffamaa jiruun eeruun malaanmaltummaa dimshaashan dhiyaataan kuma 1 fi 920 keessaa, eeruun kumni 1 fi 431 qulquleeffamuu eeraniiru.

Kanaan walqabatee himannaa banameen galmeewwan himannaa malaanmatummaa 424 qoratamaa jiraachuu himaniiru.

Kana keessaa ragaan dhabamuurraan galmeen 35 addaan cituu eeraniiru.

Bu’aalee gochaa malaanmatummaa kan ta’aan qabeenyi Birrii biiliyoona 2.6 kan dhorkaman yoo ta’u, Birrii biiliyoona 1.1 kaazinaa mootummaatti akka deebifamu ta’uu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.