Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kurmaana jalqaba waggaatti galiin Birrii biiliyoona 9.9 ol walitti qabame

Finfinnee, Onkololeessaa 10, 2013 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kurmaana jalqaba waggaatti galiin Birrii biiliyoona 9.9 ol walitti qabame.
 
Bulchiinsa magaalaa Finfinneetti kurmaana jalqaba waggaatti galiin Birrii biiliyoona 9.9 ol walitti qabamuu Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee ibsaniiru.
 
Manni Maree bulchiinsa magaalaa Finfinnee yaa’ii 8ffaa bara 1ffaa galma Mana Maree Federeeshiniitti gaggeessa jiruun raawwii hojii kurmaan 1ffaa bara hojii 2013 bulchiinsa magaalichaa gamaaggamaa jira.
 
Gabaasa raawwii karooraa seektarootaa kurmaana jalqaba waggaa ilaalchisee Itti Aantuun Kantiibaa Bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee miseensoota mana mareef dhiyeessaniiru.
 
Gabaasichaan akka ibsanitti kurmaana jalqaba waggaatti galiin Birrii Biiriyoona 10.87 walitti qabuuf karoorfamee Birriin biiliyoona 9.99 walitti qabameera.
Bara baajatichaatti namoota kuma 200 fi kuma 80f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti lammiilee kuma 43f carraan hojii uumamuu ibsaniiru.
 
Aadde Adaanach sirna daldalaa seera maleesummarra ittisuuf hoji hojjetameen dhaabbilee daldalaa kuma 3 fi 356 irratti tarkaanfiin garagaraa fudhatamuu ibsaniiru.
 
Projaktoota gurguddoo magaalichaatti ijaaramaa jiran haala gaarirra jiraachuu ibsaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.