Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsa magaalaa Roobeetti daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Bitootessa 9, 2012 (FBC) – Bulchiinsa magaalaa Roobeetti daldaltoota seeraan ala daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatame.

Vaayrasii koroonaa sababeeffachuudhan daldaltoota meeshaalee fi tajaajila gurgurtaa gara garaa irratti daballii gatii taasisanirratti tarkaanfiin fudhatameera.

Hordoffii koreen tasgabbii gabaa bulchiinsa magaalaa Roobee taasiseen gatii dabaltii idileen ala taasifamaa jiraachuun irra ga’ameera.

Haaluma kanaan daldaltoota lallaafaa Birrii 10, Birrii 15niin gurguraa turan irratti tarkaanfiin sirreeffamaa fudhatameera.

Daldaltoota midhaan kuusanii gurguran xaafii kiilo giraama 100 Birrii 3200 ture Birrii 3400 gurguraa jiran irratti tarkaanfiin fudhatameera.

Hawaasni sodaa dhibeetin wal qabsiisuun midhaan karooraa olitti bituun, daldaltoonni tokko tokko gatii akka dabalan taasisaa waan jiruuf tasgabbiin ni barbaachisa jedheera Waajjirri Dhimmoota Koominikeeshinii Magaalaa Roobee.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.