Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi Joorjiyaa lakkawwii sagalee irraa deebiin gaggeesseen Joo Baayidaan injifatan

Finfinnee, Sadaasa 11, 2013 (FBC)- Ameerikaatti bulchiinsi Joorjiyaa lakkawwii sagalee irraa deebiin gaggeesseen Joo Baayidaan injifachuun isaanii mirkanaa’eera.

Preezdaant Doonaald Tiraamp filannoon bulchiinsa Joorjiyaa keessaatti gaggeeffame waliin dha’ameeraa jechuun himata dhiyeessuu isaaniitin walqabatee sagaleen irraa deebiin akka lakkaa’amu ta’eera.

Bu’aa filannichaan Joo Baayidaan caalmaa sagalee kuma 12 fi 284tiin injifachuun isaanii ifoomeera.

Baayidaan bu’aa filannichaa booda demookiraasiin walqabsiisee Tiraamp ergaan idil addunyaaf dabarsaa jiran hamaadha jedhaniiru.

seenaa Ameerikaa keessaatti preezdaantii itti gaafatammummaan itti dhag’amne jechuunis qeeqaniiru.

Tiraamp bulchiisoota 3 Joorjiyaa, Peensilvaaniyaa fi Araazootti himanni dhiyeessaan fudhatama dhabeera.

Ta’us, Tiraamp ammallee filannichaan injifatamuu isaanii amanaa hin jiran jedhameera.

Maddi:-BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.