Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalaa goototaaf tajaajila yaala bilisaa akka argatan murteesse

 

Finfinnee, Eebila 27, 2013 (FBC) -Bulchiinsi magaalaa Finfinnee goototaaf tajaajila yaala fayyaa bilisaa akka argatan murteesse.

Dhabbilee fayyaa bulchiinsa magaalicha jalati argamanitti tajaajila yaala bilisaa guutuu akka argataniif murtaa’u Kantiibaan itti aantu magaalaa Finfinnee Adde Adaanach Abeebee beeksisan.

Guyyaa goototaa 80ffaa sababeeffachuun tajaajila yaala fayyaa qofa otuu hin taane, lafa waldaan goototaa gaafate akka keennamuf murtaa’e jira.

Xaaliyaan shiraan Itoophiyaa gosaan,amantii fi naannoon humna qabdu dadhabsiise injifachuuf yaaliin taasise gotoota Itoophiyaan jalaa fashalaa’uu kan yaadachiisan Adde Adaanach,dhaloonni ammaa seenaa ittiin boonu akka qabaatu taasisaniiru jedhan.

Guyyaan injifannoo gootota Itoophiyaa 80ffaan magaalaa Finfinneetti kabajame jira.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffan

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.