Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa godina Gujiitti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 50 ol taasise

Finfinnee, Amajjii 18, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee godina Gujiitti lammiilee hongeen miidhamaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 50 ol taasisuu ibsame.

Bulchiinsi magaalichaa godinichaaf deeggarsa margaa fi nyaataa beelladaa akkasumas roottoowwan bishaanii taasisuu eerameera.

Deeggarsicha kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen bulchaa godinichaa fi abbootii Gadaatti laataniiru.

Deeggarsi taasifame isin waliin jirra jechuu fi jaalala keenyaa ibsuufi jedhan aadde Adaanech wayita deeggarsicha dabarsanii laatan.

Yeroo ammaa godinichi rakkoo hongee fi nageenyaan rakkachaa jiraachuu fi hanga haalasaa duraatti debi’utti deeggarsi taasisan cimee kan itti fufu ta’uu kaasaniiru.

Bulchaan godiina Gujii obbo Taaddalaa Odoo gamasaaniin, rakkoo godiinicha mudateen beelladni hawaasaa dhumaa jiraachuu fi deeggarsi hatattaamaa akka isa barbaachisu ibsaniiru.

Waamicha taasisneef bulchiinsi magaalaa Finfinnee deebii ariifachiisaa waan nuu kenneef ni galateeffanna jedhaniiru.

Abbootiin gadaa Gujii magaalichatti qaamolee deggarsicha qindeessaniif maqaa uummata godinichaan kennaa kennuu ragaan Waajjira Kantiibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa Qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.