Fana: At a Speed of Life!

Bulchiinsi magaalichaa lammiilee Walloo fi Godina Booranaaf deeggarsa taasise

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2014 (FBC) – Bulchiinsi magaalaa Finfinnee lammiilee Walloo qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqa’anii fi  Godina Booranaa sababa hongee miidhamaniif deeggarsa taasisuu ibsame.

Deeggarsi taasifame deeggarsa meeshaalee fi maallaqaa  ta’uu ibsameera.

Bulchiinsi magaalichaa meeshaalee nyaataa fi qulqullinaa Birrii miiliyoona 7 olitti tilmaamamuu fi uffataalee lammiilee qe’ee fi qabeenya isaaniirraa buqqanii Walloo kaabaa fi Kibbaa jiraniif deeggarsa taasisuu ibsameera.

Kana malees lammiilee godina Booranaa sababa hongeen miidhamaniif deeggarsa nyaata beelladaa konkolaataa 11 fi tajaajila baatii tokkoo kennanii kan deebi’an konkolaataa bootee 16 deeggaruu ibsameera.

Kaantiibaan Finfinnee aadde Adaanech Abeebee magaalaan Finfinnee kanaan dura lammiilee deeggarsa barbaadaniif deeggarsa taasisaa turuu eeraniiru.

Deegarsi bulchiinsi magaalichaa taasisu fuuludurattis kan itti fufu ta’uu ibsameera.

Yismaaw Adaraawutu gabaase.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.