Fana: At a Speed of Life!

Buraayyuutti mana nama dhuunfa dhiyeessi lojiistikii Shaneetin shakkamte keessatti meeshaan waraanaa fi rasaasni to’annaa jala oole

Finfinnee, Bitootessa 22, 2014 (FBC) – Buraayyuutti mana nama dhuunfa dhiyeessi lojiistikii Shaneetin shakkamte keessatti meeshaan waraanaa cimaa fi rasaasni to’annaa jala ooleera.

Namni dhuunfa kun jiraattuu Bulchiinsa Magaalaa Buraayyuu kan taatee yoo ta’u, manashee keessaatti  meeshaan waraanaa cimaa  fi rasaasni to’annaa jala ooleera.

Eeruu fi sakattoo tajaajilli nageenya odeeffannoo poolisii Oromiyaatif laateen shakkamtuun kun to’annaa jala oolu ibsameera.

Sakattoo mana jireenya shakkamtuu kana keessaatti taasifameen garee shororkeessaa Shanee Godina Wallagga bahaa keessaa sochuuf laachuuf qophiirra kan ture Bireenii 1, rasaasa 436 fi rasaasni bireenii 10 akkasumas rasaasni kilaashii 179 to’annaa jala oolu ragaan tajaajilicharra argame ni muul’isa.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.