Fana: At a Speed of Life!

Buufanni Qulqulleessa dhangala’oo Aqaaqii Caffee 2 eebbifame

Finfinnee, Eebila 20, 2013 (FBC) – Buufanni,laabraatoorii fi gamoon bulchiinsaa Qulqulleessa dhangala’oo Aqaaqii Caffee 2 eebbifameera.
Buufanni qulqulleessa dhangala’oo Caffee 2 fi 3 tokkoon tokkoon isaanii Meetir Kiyuubii kuma 12 fi 500 qulqulleessuu danda’u jedhame.
Proojektichi namoota kuma dhibba 4 fi kuma 23 tajaajiluu danda’a jedhameera.
Proojektoota sadan kanneeniif birrii biiliyoonni 1.1 baasii ta’uu ibsameera.
Itti aantuun Kaantibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee Finfinnee miidhagduu fi hawwatuu taasiisuuf hojiilee akka kanaa yeroo yeroon hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru.
Proojektiin kun balfa magaalichaa ittisuuf humna olaanaa kan dabalu ta’uu Daayreektarri olaanaan Abbaa Taayitaa Bishaanii fi Dhangala’aa magaalaa Finfinnee Injinar Zarihuun Abaataan ibsaniiru.
Zaman Bayyanaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.