Fana: At a Speed of Life!

Buurkina Faasootti miidhaa namni hidhate tokko qaqqabsiiseen lubbuun namoota 20 darbe

Finfinnee, Amajjii 25, 2012 (FBC) – Kibba Dhiha Buurkina Faasootti miidhaa namni hidhate tokko qaqqabsiiseen lubbuun namoota 20 darbuun ibsame.

Miidhaa torbee darbe magaalaa Basilgaajiitti lubbuu namoota 39 galaaftetti aanee miidha qaqqabsiifame ta’uu himameera.

Aardii Afrikaatti baatii dhiyyoo as miidha namoonni hidhatan qaqqabsiisaan hammachaa dhufeera jedhame.

Miidhichi Faransaay naannoo Saahilitti loltoota dabalaataa 600 akka ergitu erga beeksifte booda kan rawwatamedha.

Bara Faranjoota 2012 as walitti bu’insa naannoo Saahilitti uumameen lubbuun namoota kuma 4 ol darbeera.

Maddi:- BBC

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.