Fana: At a Speed of Life!

Ce’umsaawwan daandii baabura salphaa magaalaa Finfinnee irratti kan muldhatu rakkoo tiraafikaa furuuf mariin gaggeeffame

Finfinnee, Onkololeessaa 12, 2013 (FBC) – Ce’umsaawwan daandii baabura salphaa magaalaa Finfinnee irratti kan muldhatu rakkoo tiraafikaa furuuf mariin gaggeeffame.

Ce’umsaawwan daandii baabura salphaa magaalaa Finfinnee irratti kan muldhatu rakkoo tiraafikaa furuu irratti kan xiyyeeffate qaamolee dhimmi ilaalau waliin mariin gaggeefameera.

Maricha Ejansii Too’annoo Tiraafikaa Magaalaa Finfinnee qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun sochiin tiraafikaa magaalichaa nageenyaa fi fudhatama kan qabu akka ta’uuf daandii baabburaa salphaa irratti foyya’insa taasisuufi.

Maricha irratti Ejansiin Too’annoo Tiraafikaa, Abbaa Taayitaa Daandiiwwan Finfinnee, Geejjiba Baabura Salphaa Finfinnee fi ogeessoota dhaabbilee idila addunyaa qabeenya uumamarratti hojjetan argamaniiru.

Marichis ce’umsaawwan daandii baabura salphaa irratti kan muldhatu rakkoo tiraafikaa furuu irratti kan xiyyeeffatedha.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.