Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaan miidiyaalee olompiikii Beejiing gabaasuu dhufan gammachuun kan simattu ta’uu beeksifte

Finfinnee, Amajjii 5, 2014 (FBC) – Chaayinaan miidiyaalee biyyoota garaagaraarraa olompiikii Beejiing gabaasuu dhufan gammachuun kan simattu ta’uu Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Wenbiin ibsan.

Chaayinaan gaazexeessitoota yaada ijaarsaa qaban kan jajjabeessitu ta’uu fi maqaa bilisummaa miidiyaatiin oduu fi odeeffannoowwan  sobaa tamsaasuun biyyattii fi olompiikicha maqaa balleessuuf miidiyaalee dhufaniif bakka kan hin qabne ta’uu ibsa miidiyaaleef laataniin ibsaniiru.

Olompiikii Beejiing gabaasuuf gaazexeessitoonnii fi ogeeyyiin kaameeraa kuma 2 fi 500 ol biyyoota garaagaraarraa gaaffii dhiyeessuu gabaafameera.

Dorgommichi Guraandhala 4-20, 2022 kan gaggeeffamu ta’uun isaa ni beekama.

Maddi:- CGTN

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.