Fana: At a Speed of Life!

Daandii Magaalaa Jijjiigaa Birrii miiliyoona 672 ijaaramu xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Hagayya 24, 2014 (FBC) – Daandii Magaalaa Jijjiigaa Birrii miiliyoona 672 ijaaramu xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu eerameera.

Ijaarsi daandichaa muddamaa fi balaa tiraafikaa magaalattii hir’isuuf kan kaayyeffatee hojjetama jiru ta’uun ibsameera.

Bal’inaa meetiraa 30 gara cinaatti kan qabu, kiiloomeetira 7 kan fagaatu daandichi, baajataa motummaa federaalaa ramade Birrii miiliyoona 672’n ijaarsi isa gaggeeffamaa jiraachuun ibsameera.

Daandichi wayita xumuramu konkolaattonni magaalaa keessa utuu hinseenii akka dabarban taasisaa eerameera.

Daandichi sochii daldalaa saffisiisuun guddina magaalattiif haala mijataa akka uumu eegama jedhameera.

Invastimantii naannichaafis gahee olaanaa akka qabaatu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.