Fana: At a Speed of Life!

Daandii Qilleensaa Naayijeeriyaa hundeessuuf mootummaa biyyattii waliin hojjetamaa jiraachuu Giruuppiin Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa ibse

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC)- Daandii Qilleensaa Biyyaalessaa Naayijeeriyaa hundeessuuf Mootummaa Naayijeeriyaa haaraa hundeeffame waliin hojjetamaa jiraachuu Hoji Gaggeessan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfiin Xaasawu beeksisan.

Ta’us Naayijeeriyaatti mootummaa haaraan hundeeffamuun walqabatee daandii qilleensichaa gara hojiitti deebisuuf dhimmoota dandeessisanirratti mariin dabalataa barbaachisuu Obbo Masfiin eeraniiru.

Kana hordofees Hoggantoonni Olaanoo Daandii Qilleensichaa Naayijeeriyaa Abuujaa dhaquun bakka bu’ota mootummaa Naayijeeriyaa waliin dhimmicharratti mari’achuu himaniiru.

Marichaanis adeemsa pirojektii Daandii Qilleensaa Biyyaalessaa Naayijeeriyaa beekuuf yeroo gabaabaan akka kennamuuf gaafachuu eeranii, eeganii jiraachuu dubbataniiru.

Daandii Qilleensaa Biyyaalessaa Naayijeeriyaa hundeessuuf hojjiilee eegalaman itti fufsiisuuf Mootummaa Naayijeeriyaa haaraa hundeeffame waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsuu TOI gabaaseera.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaas “Air Nigeria” gahee Daandii Qilleenssaa Biyyaalessaa Naayijeeriyaa %49 qooddachuun hundeessuuf qophii barbaachisaa taasisaa turuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.