Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensicha lammiilee dhalattoota 2ffaa ala jirataaniif gatii Tikkeettii fi keessummeessa Hoteelaa hir’isuu beeksiise

Finfinnee, Mudde 19, 2016 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa Itiyoophiyaanoota dhalattoota 2ffaa ala jirataan waamicha taasiifame hordofee gara biyyaa dhufaniif gatii Tikkeettii fi keessummeessa Hoteelaa hir’isuu beeksiiseera.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Itiyoophiyaanoota dhalattoota 2ffaa gara biyya argama isaanii akka dhufan waamicha taasiisuu hordofee qophiin simannaa taasiifamaa jiraachuun kan yaadatamuudha.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa kana duras wayita Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad diyaaspoorawwaniif waamicha taasiisan gahee isaa bahachaa turuu Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaatti Itti gaafatamaan Olaanaan Damee Daldalaa Lammaa Yaaddessaan ibsaniiru.

Ammaas miseensonni Dhalattoota 2ffaa waamichicha godhame fudhachuun wayita gara biyyaa dhufan Daandiin qilleensichaa gatii Tikkeettii % 15 – 20 har’isuu eeraniiru.

Akkasumas qaama Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa kan ta’e Hoteela Iskaay Laayit keessatti gatiin keessummeessaa % 15- 20 har’isuuf qophiin taasiifamuu himaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.