Fana: At a Speed of Life!

Daandiin qilleensichaa bara 2014 galii Doolaara biiliyoona 5 argachuu beeksiise

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa bara baajataa xumurame galii Doolaara biiliyoona 5 argachuu beeksiise.
Dhaabbanni Invastimantii Holdiingis Ityoophiyaa dhaabbilee isa jala jiran waliin gamaaggamaa raawwii hojii bara darbee fi kallattii karoora bara 2015 irratti mari’ateera.
Daandiin Qilleensichaa bara baajataa darbe qaala’iinsa diinagdee addunyaa muudate dandamachuun galii Doolaara biiliyoona 5 argachuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Obbo Masfin Xaasaw eeraniiru.
Daandiin Qilleensaa Ityoophiyaa bara darbe keessa imaltoota idil addunyaa miiliyoona 6.9 imalchiisuu eeraniiru.
Tajaajila fe’umsaa Toonii kuma 7 fi 700 laachuu kaasaniiru.
Galiin bara 2014 keessa argame kan bara 2013 wayita madaallamu % 79 caalmaa qabaachuu Obbo Masfin himaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.