Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensichaa galii Doolaara biiliyoona 6.1 argate

Finfinnee, Waxabajjii 8, 2015 (FBC)- Daandiin Qilleensa Ityoophiyaa galii Doolaara biiliyoona 6.1 argachuu beeksise.

Dhaabbatichi mul’ata bara 2035tti bu’aa qabeessa ta’uuf qabate milkeessuuf raawwiin galmaa’e argisiistuu ta’uu Hoji Gaggeessaa Oaanaan Daandii Qilleensichaa Masfiin Xaasawu ibsa miidiyaaleef kennaniin akeekaniiru.

Daandichi yeroo weerara vaayirasii koroonaa balaliiwwan addaan citanii turan deebisuuf bakka ga’umsaa torba dabalataan eegalchiisuun argisiistuu ta’uu himaniiru.

Baay’ina xiyyaaraa qabuu dabaluufis hojiilee hojjetmaniin waggaa kana keessaa xiyyaarota imaltootaa haaraa 12 hojiitti galchuu himaniiru.

Giddugalli Mahaandisummaa fi Suphaa Daandii Qilleensichaan xiyyaarota lama gara xiyyaarota tajaajila fe’umsaatti geeddaruun hojiileen tajaajila fe’umsaa tumsan hojjetamuu dubbataniiru.

Bara baajataa kana keessaa imaltoota miiliyoona 13.7 imalchiisuu fi meeshaalee toonii kuma 723 geejjibsiisuus eeraniiru.

Barnaabaas Tasfaayeetu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.