Fana: At a Speed of Life!

Dabra Birhaanitti abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 38 galmeessaniif eeyyamni kenname

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2015 (FBC)- Bulchiinsaa Magaalaa Dabra Birhaanitti abbootii qabeenyaa Kaappitaala Birrii biiliyoona 38 galmeessaniif eeyyama invastimantii kennuu Qajeelchi Indaastirii fi Invastimantii magaalichaa ibse.

Itti Gaafatamaan Qajeelchichaa Obbo Birhaan Gabirehiiwoot, invastimantiiwwan kunneen guutummaatti wayita gara hojiitti seenaan lammiilee kuma 22’f carraa hojii kan uumu ta’uu himaniiru.

Bara baajatichaattis indaastiriiwwan eeyyama argatan keessaa 49 ijaarsi isaani kan xumurame yoo ta’u, indaastiriiwwan 24 ammoo hojiitti galuuf qophiitti jiraachuu ibsaniiru.

Magaalaa Dabra Birhaanitti invastimantiiwwan 720 kan jiran yoo ta’u, kana keessaa 545 indaastiriiwwan ta’uun eerameera.

Zalaalam Gabayyootu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.