Fana: At a Speed of Life!

Daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Amajjii 15, 2012 (FBC) – Ityoophiyaan daddabarsa namootaa seeraan alaa ittisuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuun ibsame.

Ministir deettaan Ministeera Dhimma Alaa FDRI Ambaasaaddar Birtuukaan Ayyaanoo jila Ameerikaa  itti gaafatamaa muummee ittisaa fi to’annoo daddabarsa namoota seeraan alaa Ambaasaaddar Joon Riichmoond waliin waajjira isaaniitti mari’ataniiru.

Dhimmoota daddabarsa namootaa seeraan alaa irratti marii gaggeessaniiru.

Ityoophiyaan daddabarsi namootaa seeraan alaa yaaddessaa ta’uu isa hubachuun furmaata isaaf yeroo kamiiyyuu caalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ambaasaaddar Birtuukaan dubbataniiru.

Daddabarsi seeraan alaa kun biyyattiif rakkoo hammataa ta’aa waan jiruuf rakkicha hundeeraa furuuf qaama dhimmichi ilaallatu hunda waliin ta’uun hojjetamaa jira jedhan Ambaasaaddar Birtuukaan.

Ambaasaaddar Joon Riichmoond gamaa isaaniin hojii Ityoophiyaan damichaan hojjechaa jirtu dinqisiifataniiru.

Ameerikaan rakkoolee damichaan jiru furuuf Ityoophiyaa waliin walitti hidhamiinsa qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uu ishee dubbachuu isaanii ragaan Ministeera Dhimmaa Alaa FDRI argame ni mul’isa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.