Fana: At a Speed of Life!

Dagannaan ittisa weerara vaayrasii koroonaarratti muul’atu sirna fayyaa biyyattii dhiibbaa keessa galchuu danda’a -Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Hagayyaa 6, 2012 (FBC) – Dagannaan hawaasa birratti muul’atu weerara vaayrasii koroonaa babal’isuu bira darbee sirna fayyaa biyyattii dhiibbaa keessa galchuu akka danda’u Ministeerri Fayyaa beeksise.
 
Sirni fayyaa Ityoophiyaa fooyya’iinsa agarsiisaa jiraatuus hojii hedduun kan hafu ta’uu Ministir deettaan Ministeera Fayyaa FDRI aadde Saahiraalaan Abduullaahii ibsaniiru.
 
Tatamsa’inni vaayrasii koroonaa dabalaa yeroo jirutti dagannaan hawaasa biratti muul’atu ammoo sirna fayyaa biyyaattii caalmaatti dhiibbaa keessa galchuu danda’a jedhan.
 
Yeroo ammaa lakkoofsi namoota vaayrasichaan qabamanii dabalaa dhufuun dhiibbaa guddaa qaqqabsiisuu himaniiru.
 
Galmi barkumee, Hospitaalli Eekkaa, fi Qudduus Phaawuloos namoota vaayrasichaan qabamaniin dhidhiphaa jiraachuu eeraniiru.
 
Meeshaaleen yaala dhibichaaf gargaaraanii fi dhiyeessin qorichaa yaallamtootaan walgitaa hin jiru jedhan.
 
Haalli jiru cimaa dhufuu isaan manneen barnootaa fi gidduugalli dargaggootaa yaala vaayrasichaaf akka oolan taasifamuu dubbataniiru.
 
Aadde Saahiraalaan, magaalaa Finfinneetti kutaaleen hawaasaa qajeelfama ittisa isaa karaa guutuu ta’een hojiitti hiikaan % 33 qofa ta’uu qorannoon gaggeeffame ni muul’isa jedhan.
 
Hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa ture hir’achaa dhufuun ammoo dagannaa uummameef sababa ta’uu himaniiru.
 
Dagannaan uummame gatii guddaa biyyattii kaffalchiisuu danda’a jedhan.
 
Ityoophiyaatti namoota vaayrasichaan qabamanii yaalarratti argaman keessaa %80 mallattoon dhibicha kan irratti hin muul’anne ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.
 
Maddi:-TOI
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.