Fana: At a Speed of Life!

Jilli Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu magaalaa Naqamtee gale

Finfinnee, Ebla 30, 2016 (FBC) – Jilli Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin durfamu Hiriira deeggarsa hoggansa jijjiiraamaa gaggeeffamaa jirurratti hirmaachuuf Magaalaa Naqamtee galeera.

Jilichi Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad, Af Yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasee Caafoo, Af Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Aganyahu Tashaagarii fi Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa dabalatee hoggantoota Olaanoo Mootummaa Federaalaa fi naannoo Oromiyaa kan of keessatti hammate ta’uu ibsameera.

Hiriirri ummataa kun dhaadannoowwan ”Wallagga Dirree Nageenyaafi Badhaadhinaati!, Daandii Nageenyaafi Dhiifamaatiin Hunduu Injifataadha!, Ajandaan Keenya Misoomaa fi Badhaadhina!,Aarsaa Kamuu Kaffallee Jijjiiramicha Waaressina!” jedhuun gaggeeffamaa jira.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.