Fana: At a Speed of Life!

Dargaggoon biyya aarsaa abbootiin dhaale dhaloota dhufuuf kabajaa fi badhaadhina waliin dabarsuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2014 (FBC) – Dargaggoon biyya aarsaa abbootiin dhaale dhaloota dhufuuf kabajaa fi badhaadhina waliin dabarsuuf  dirqamaarraa eegamu bahachuu qaba jedhameera.

Dhimma waqtaawaa biyyaa ilaalchisee waldaa dargaggootaa Oromiyaa, Liigii dargaggootaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa fi Waldaan Federeeshinii dargaggootaa Oromiyaa miidiyaaleef ibsa kennaa jiru.

Itti gaafatamtoonni caasaa dargaggootaa Oromiyaa kunniin ibsa kennaniin, qeerroo fi qarreen qabsoo hadhaawaan injifannoo argate har’as akkuma kaleessaa itti fufsiisuf kutannoon hojjechuu qaba jedhaniiru.

Nutis akka caasaa dargaggootaatti biyya itti fufsiisuuf aarsaa kamuu kaffaluuf qophiidha jedhan.

Dargaggoonni kaleessaa lola Aduwaa injifachuun, Ityoophiyaa birmadummaan ishee eegamee fi bilisoomte akkuma nu dhaalchisanitti, dargaggoonni ammas tarkaanfii mootummaan garee Shororkeessaa TPLF birmadummaa biyyaa diiguuf ka’e balleessuuf gochaa jiru, nuti dargaggoonni humna guutuun ni deeggarraa jedhan, Hogannaan Liigii Dargaggootaa Naannoo Oromiyaa Dargaggoo Adinaan Haajji.
Preezdaantiin Waldaa Dargaggootaa Dargaggoo Kadir Indaalkaachoo gama isaatiin, garee TPLF hanga dhumaatti balleessuun, birmadummaafi nagaa biyyaa eeguuf dargaggoonni yeroo kamuu caalaa tokkummaan dhaabbachuu qabu jedhaniiru.

Gammachiis Taarikuutu gabaase

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.