Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsa Koomishinii Marii Biyyaalessaaf taasisuun hojiilee ijaarsa biyyaaf gumaachuudha-Obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Ebla 10, 2016 (FBC)- Deeggarsa Koomiishinii Marii Biyyaalessaaf taasisuun hojiilee ijaarsa biyyaa gaggeeffamaa jiraniif gumaachuu waan ta’eef tumsa barbaachisaa taasisuu qabna jechuun Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Obbo Taaggasaa Caafoon ibsan.

Obbo Taaggasaan gabaasa raawwii Koomishinichaa wayita dhaggeeffatanitti, koomishinichi ergama isaa milkeessuuf rakkoolee dandamachuun nageenyaa waaraa Ummataa mirkaneessuuf hojiilee hojjetes dinqisiffataniiru.

Rakkoolee sadarkaa biyyaatti mul’atan waloon furuuf rakkoolee mudachuu danda’an dursanii ittisuun barbachisaadha kan jedhan Obbo Taaggasaan, marii biyyaleessaaf hundi kan ajajamu ta’uun caasaalee mootummaa fi qaamoolee nageenyaa mootummaa waliinis mari’achuu barbachisa jedhan.

Koomiishinarii Koomishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeesar Masfiin Ar’ayaan gamasaaniin, Naannolee fi bulchiinsa magaalootaa hedduu keessatti hojiileen dursaa fi hirmaatoota adda baasuu gaggeeffamuu himaniiru.

Koomiishinichi naannolee hirmaattoonni adda hinbaafaminitti hojiin adda baasuu fi ajandalee marii walitti qabuu kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru.

Gama biraatiin sababa walitti bu’iinsaan naannolee tokko tokkotti hojiin hirmaatoota adda baasuu xumuramuu akka hindandeenye Koomiishinichi ibsuu ragaan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataarraa argame ni muil’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.