Fana: At a Speed of Life!

Deeggarsi Godaantootaa fi biyyoota Godaantoota simataniif taasiifamu cimee akka itti fufu Itiyoophiyaan gaafatte

Finfinnee, Onkololeessa 1, 2016 (FBC) – Walga’iin Hojii Raawwachiiftootaa Komishinii Godaantootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 74ffaan Siwiizarlaandi Jeneevaatti gaggeeffamaa jira.

Jilli Daayrektara Olaantuu Godaantootaa fi Godaansaa Deebitootaa Aadde Xaayibaa Hasaniin durfamu Walga’icharratti hirmaachaa jira.

Aadde Xayibaan hojiilee Itiyoophiyaan eeggumsa Godaantotaarratti of danda’uun hojjechaa jiru ilaalchisee ibsa taasiisaniiru.

Bu’aalee argame, qormaatilee mudatanii fi hojiilee yeroo itti raawwatamu ilaalchise waltajjichaaf ibsa taasiisaniiru.

Itiyoophiyaan Gondaantootaa fi kola galtoota miiliyoona tokkotti hiiqan simachuun keessummeessaa jiraachuu kaasaniiru.

Walitti bu’iinsi naannawichatti mudataa jiru lakkoofsa Godaantootaa fi kola gaaffattootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru.

Haalli uumamaa jiru duub deebii qindoomina qabu kan gaafatu ta’uu hubachiisaniiru.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti Ejansiin Godaantootaa fi dhaabbileen deeggartootaa dhiibbaa fi itti gaafatamummaa jiru waliif qooduun deeggarsa Godaantootaa fi biyyoota Godaantoota simataniif taasiisan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.

Jilichi walga’ichaan cinaatti dhaabbilee fi qooda fudhattoota adda addaa dhimmichi ilaallatu waliin marii taasiisuus ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.